-
Isaayyaas 5:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Ammas maaloo,
Wantan maasii wayinii koo irratti godhu isinittan hima:
Dallaa qoree isaa nan buqqisa,
Innis ibiddaan ni gubama.+
Dallaa dhagaa isaa nan diiga,
Innis ni dhidhiitama.
-
-
Hisqiʼel 15:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Akkuma muka wayinii isa mukeetii bosonaa gidduu jiru, isa ani akka qoraaniitti ibiddaaf kenne sanaa, jiraattota Yerusaalem irrattis akkanuma nan godha.+
-