-
Hisqiʼel 20:47Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
47 Bosona kibbaa sanaan akkana jedhi: ‘Dubbii Yihowaa dhagaʼi. Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Kunoo, ani si irratti ibidda nan qabsiisa;+ innis muka lalisaa fi muka gogaa si keessatti argamu hundumaa ni guba. Laboobni bobaʼu sun hin dhaamu;+ innis kibba irraa jalqabee hamma kaabaatti fuula hundumaa ni waxala.
-