LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 31:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Gara biyya ani abbootii isaaniitiif kakadhetti,+ jechuunis gara biyya aannanii fi damma maddisiistutti+ yommuun isaan fidu, isaan nyaatanii quufanii badhaadhota* yommuu taʼan,+ gara waaqolii kan birootti ni garagalu, isaaniinis ni tajaajilu; ana garuu ni tuffatu, kakuu koos ni cabsu.+

  • 2 Mootota 17:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Yihowaanis karaa raajota isaa hundumaa fi karaa warra mulʼata argan+ hundumaatiin, “Daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa!+ Akka seera ani abbootii keessan ajaje hundattii fi akka seera karaa tajaajiltoota koo warra raajota taʼanii isiniif erge sanaatti ajajawwan koo fi dambiiwwan koo eegaa” jedhee Israaʼelii fi Yihudaa ni akeekkachiisa ture. 14 Isaan garuu hin dhageenye; akkuma abbootii isaanii warra Waaqa isaanii Yihowaa irratti amantii hin qabne sanaa mata jabeeyyii taʼanii* itti fufan.+

  • Nahimiyaa 9:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 “Haa taʼu malee, isaan siif ajajamuu didan; si irratti fincila kaasan;+ Seera kee irrattis dugda isaanii ni garagalchan.* Raajota kee warra gara keetti akka deebiʼan isaan akeekkachiisaa turan ni ajjeesan; gochawwan tuffii guddaa argisiisanis ni raawwatan.+

  • Isaayyaas 1:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Saba cubbamaadhaaf,+

      Uummata dogoggorri isaa itti ulfaateef,

      Sanyii namoota hamootiif, ijoollee mancaʼoo taʼaniif wayyoo!

      Isaan Yihowaa dhiisaniiru;+

      Isa Qulqulluu kan Israaʼel tuffataniiru;

      Isa irraas garagalaniiru.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi