11 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Sabni kun hamma yoomiitti na tuffata?+ Mallattoowwan kana hundumaa isaan gidduutti kanan raawwadhe taʼus isaan hamma yoomiitti natti hin amanan?+ 12 Golfaadhaan rukutee isaan nan balleessa; siin garuu saba isaan caalaa guddaa fi jabaa taʼe nan godha.”+