-
Abbootii Murtii 2:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Yeroo abbaan murtii sun duʼu garuu, ammas waaqolii kan biroo duukaa buʼuudhaan, isaan tajaajiluudhaan, akkasumas isaaniif sagaduudhaan abbootii isaanii caalaa gocha hamaa raawwatu turan.+ Gocha isaanii irraas taʼe mata jabina isaanii irraa hin deebine.
-
-
Ermiyaas 13:26, 27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Kanaafuu, ani qamisii kee soqolee fuula keetti nan haguuga,
Qaaniin kees ni mulʼata.+
27 Ejji raawwattee+ fi kajeellaadhaan himimsuun kee,
Sagaagalummaan kee inni balfamaanis* ni mulʼata.
Ani tabbawwan irrattii fi dirree keessatti,
Amala kee isa jibbisiisaa argeera.+
Yaa Yerusaalem, siif wayyoo!
Hamma yoomiitti akka xurooftetti jiraatta?”+
-