-
Isaayyaas 23:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Yihowaa Gooftaa Raayyaatu murtoo kana dabarse;
Kanas kan godhe, miidhagina ishii isa ittiin boontu hundumaa gatii dhabsiisuuf,
Warra guutummaa lafaa irratti ulfina argatanii turan hundumaas salphisuufi.+
-
-
Hisqiʼel 28:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Yaa ilma namaa, geggeessaa Xiirosiin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:
“Garaan kee waan of tuuleef,+ irra deddeebitee, ‘Ani waaqa dha.
Galaanicha walakkaa teessoo waaqaa irra nan taaʼa’+ jetteetta.
Garaa keetti waaqa akka taate yoo sitti dhagaʼame iyyuu,
Ati nama dha malee waaqa miti.
-
-
Hisqiʼel 28:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 “Yaa ilma namaa, waaʼee mootii Xiiros faaruu gaddaa tokko faarfadhu, akkanas isaan jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:
-