-
Hisqiʼel 31:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Warra gara boollaatti* gad buʼan hundumaa wajjin yommuun gara Awwaalaatti* gad isa buusu saboonni hundi sagalee kufaatii isaatiin akka romʼan nan godha; mukeetiin Eedan+ warri Libaanon keessaa filatamoo taʼanii fi hunda irra wayyan, warri akka gaariitti bishaan argatan hundi biyya lafa jalaa keessatti jajjabina ni argatu.
-