LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Daaniʼel 4:31-35
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Mootichi utuma kana dubbachaa jiruu sagaleen akkana jedhu tokko samii irraa ni dhufe: “Yaa Nebukadnezaar Mootii, ergaan kun siif ergame: ‘Mootummaan kee si irraa fudhatameera;+ 32 ati ilmaan namootaa gidduudhaa ni ariʼamta. Bineensota bosonaa wajjin ni jiraatta; akkuma qotiyyootti akka nyaattuuf margi siif ni kennama; Inni Hundaa Olii mootummaa ilmaan namootaa irratti Bulchaa taʼuu isaa fi nama barbaade kamiif iyyuu akka isa kennu hamma beektutti barri torba si irratti ni darba.’”+

      33 Yeruma sana wanti dubbatame sun Nebukadnezaar irratti raawwii isaa argate. Inni ilmaan namootaa gidduudhaa ariʼamee akkuma qotiyyoo marga dheeduu jalqabe; rifeensi isaa akka baallee risaa hamma dheeratutti, qeensi isaas akka qeensa allaattii hamma taʼutti qaamni isaa fixeensa samiitiin ni jiidhe.+

      34 “Yommuu barri sun xumuramutti+ ani Nebukadnezaar gara samiitti ol nan ilaale; hubannaan koos naaf deebiʼe; Isa Hundaa Olii sana nan jajadhe, isa bara baraaf jiraatu sanaaf jajannaa fi ulfina nan kenne; sababiin isaas, bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti, mootummaan isaas dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufa.+ 35 Jiraattonni lafaa hundi homaatti iyyuu hin lakkaaʼaman; inni raayyaa samii fi jiraattota lafaa gidduutti akkuma fedhii isaatti ni hojjeta. Isa* dhowwuus taʼe, ‘Maal gochuu kee ti?’+ isaan jechuu kan dandaʼu hin jiru.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi