27 “‘Mootummaan, bulchiinsii fi guddinni mootummoota guutummaa samii jala jiranii namoota Isa Hundumaa Gararraa sanaaf qulqulloota taʼaniif ni kenname.+ Mootummaan isaanii mootummaa bara baraa ti;+ mootummoonni hundis isaan ni tajaajilu, akkasumas isaaniif ni ajajamu.’