4 Haa taʼu malee, inni yommuu kaʼu mootummaan isaa caccabee gara bubbeewwan samii arfaniitti ni hihirama;+ taʼus sanyii isaatti hin darbu, mootummichi akka yeroo inni bulchaa ture sanaatti jabaa hin taʼu; mootummaan isaa buqqifamee warra kaanitti ni darba.