-
Ibroota 9:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Haa taʼu malee, Kiristoos wantoota gaggaarii raawwatamaniif luba ol aanaa taʼee yeroo dhufe, dunkaana isa guddaa fi hunda caalutti, isa harkaan hin hojjetamne, jechuunis kan uumama kanaa hin taane keessa seene. 12 Inni dhiiga reʼootaa fi dhiiga jibootaa utuu hin taʼin, dhiiga ofii isaa+ qabatee yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha iddoo qulqulluutti seenuudhaan fayyina* bara baraa nuuf argamsiise.+
-
-
Ibroota 10:8-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Jalqaba aarsaawwan akka Seerichaatti dhihaatan ilaalchisee, “Ati aarsaawwan, kennaawwanii fi aarsaawwan guutummaatti gubaman, akkasumas aarsaawwan cubbuu hin barbaanne, isaanittis hin gammanne” jedhe. 9 Achiis, “Kunoo, ani fedhii kee raawwachuuf dhufeera”+ jedhe. Inni isa lammaffaa hundeessuuf jedhee isa jalqabaa balleessa. 10 Nuti “fedhii”+ kanaan, karaa kennaa dhaqna Yesuus Kiristoosiin yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha qulqulloofneerra.+
-