-
Daaniʼel 2:40-42Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
40 “Mootummaa arfaffaan immoo akkuma sibiilaa cimaa ni taʼa.+ Sababiin isaas, akkuma sibiilli wanta hundumaa caccabsuu fi daakutti, eeyyee, akkuma sibiilli hurreessutti inni isaan kana hundumaa ni caccabsa, ni hurreessas.+
41 “Akkuma miilaa fi quba miilaa walakkaan isaa suphee irraa, walakkaan isaa immoo sibiila irraa tolfamee argite sanaatti, mootummichis ni qoqqoodama; haa taʼu malee, akkuma sibiila suphee laafaatti makamee argite sanaatti, inni hamma tokko jabina sibiilaa ni qabaata. 42 Akkuma qubni miilaa sun walakkaan isaa sibiila irraa, walakkaan isaa immoo suphee irraa tolfametti, mootummichis walakkaan isaa jabaa, walakkaan isaa immoo dadhabaa ni taʼa.
-