-
1 Mootota 12:32, 33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Kana malees, Yeroboʼaam jiʼa saddeettaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa 15ffaatti ayyaana isa ayyaana Yihudaa keessatti ayyaaneffatamuu wajjin wal fakkaatu tokko ni hundeesse.+ Iddoo aarsaa Beetelitti+ hojjete irratti jabbilee tolche sanaaf aarsaa ni dhiheesse; akkasumas Beetelitti iddoowwan ol kaʼoo hojjete sanaaf luboota ni ramade. 33 Kana malees, inni iddoo aarsaa Beetelitti hojjete irratti jiʼa saddeettaffaa guyyaa 15ffaatti, jiʼa ofii isaatiif filatetti aarsaawwan dhiheessuu jalqabe; namoota Israaʼeliif ayyaana ni hundeesse; aarsaawwanii fi aarsaa aarfamu dhiheessuufis gara iddoo aarsaatti ol ni baʼe.
-
-
Hoseʼaa 13:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 “Yommuu Efreem dubbatu namoonni ni hollatu turan;
Inni Israaʼel keessatti beekamaa ture.+
Haa taʼu malee, Baʼaalii wajjin haala wal qabateen yakkamaa ni taʼe,+ achiis ni duʼe.
2 Ammas isaan cubbuu isaanii irratti dabaluudhaan
Meetii isaanii irraa siidaawwan sibiilaa* tolfataniiru;+
Waaqolii tolfamoo ogummaadhaan ni tolfatu, hundi isaanii iyyuu hojii ogeeyyii harkaa ti.
Achiis, ‘Namoonni aarsaa dhiheessan jabbilee haa dhungatan’+ isaaniin jedhu.
-