21 Gabaasa keessan dhiheessaa, dhimma keessan dhiheeffadhaa.
Isaan tokkummaadhaan waliin haa mariʼatan.
Bara dheeraa dura kana kan dubbate,
Yeroo darbe irraa kaasees kana kan labse eenyu?
Ana Yihowaa mitii?
Ana malee Waaqni kan biraan hin jiru;
Ana malee Waaqni qajeelaanis taʼe Fayyisaan hin jiru.+
22 Ani Waaqa waanan taʼeef, ana malees kan biraan waan hin jirreef,+
Guutummaan andaara lafaa gara kootti deebiʼaa, fayyinas argadhaa.+