-
2 Mootota 10:29-31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Haa taʼu malee, Yehuun jabbilee warqii warra Beetelii fi warra Daan keessa turanii+ wajjin haala wal qabateen cubbuu Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka hojjetan godhe irraa hin deebine. 30 Kanaafuu Yihowaan Yehuudhaan, “Ati mana Ahaab irratti wantan garaa kootti yaade+ hunda gochuudhaan wanta gaarii fi wanta na duratti sirrii taʼe waan raawwatteef, ilmaan kee hamma dhaloota afuriitti teessoo Israaʼel irra ni taaʼu”+ jedhe. 31 Haa taʼu malee, Yehuun garaa isaa guutuudhaan akka Seera Yihowaa Waaqa Israaʼelitti deemuuf of hin eegganne.+ Inni cubbuu Yeroboʼaam Israaʼelonni akka hojjetan godhe irraa hin deebine.+
-