LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 63:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 “Bakka wayinii itti cuunfan keessatti kophaa koo daadhii wayinii nan dhidhiite.

      Namoota sana keessaa tokko illee anaa wajjin hin turre.

      Aarii kootiin isaan dhidhiituu koo,

      Dheekkamsa kootiinis isaan irra ejjechuu koo ittan fufe.+

      Dhiigni isaanii wayyaa koo irratti ni facaʼe,

      Anis guutummaa uffata kootii nan xureesse.

  • Mulʼata 14:18-20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Ammas maleekaa kan biraan iddoo aarsaa keessaa ni baʼe; inni ibidda irratti aangoo qaba ture. Inni sagalee guddaadhaan iyyee isa haamtuu qaramaa qabu sanaan, “Firiin wayinii waan bilchaateef, haamtuu kee isa qaramaa itti hiixadhuutii firii wayinii lafaa isa walitti tuutaʼe walitti qabi”+ jedhe. 19 Maleekaan sunis haamtuu isaa lafatti hiixatee wayinii lafaa erga walitti qabee booda, iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa Waaqayyoo isa guddaa keessatti darbate.+ 20 Iddoon cuunfaa wayinii sunis magaalattiidhaa alatti ni dhidhiitame; iddoo cuunfaa wayinii sana keessaa dhiigni hanga luugama fardaatti ol kaʼee fi gara fageenya kiilomeetira 296* taʼu ni baʼe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi