-
Abbootii Murtii 11:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Achiis Yiftaan, “Ati biyya koo waraanuuf kan dhufte ana irraa maal qabda?”* jedhee gara mootii Amoonotaatti+ ergamtoota erge. 13 Mootiin Amoonotaas ergamtoota Yiftaatiin, “Si waraanuuf kanan dhufe, Israaʼelonni yommuu biyya Gibxii keessaa baʼanitti+ Arnoonii+ jalqabee hamma Yaaboqittii fi hamma Yordaanositti+ biyya koo waan fudhataniifi. Amma nagaadhaan naaf deebisi” jedhe.
-