-
Leewwota 26:14-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Haa taʼu malee, isin na dhagaʼuu yookiin ajajawwan koo kana hundumaa eeguu yoo diddan,+ 15 dambiiwwan koo yoo tuffattan,+ heerawwan koo jibbuudhaan ajajawwan koo hundumaa eeguu yoo diddanii fi kakuu koo yoo cabsitan,+ 16 ani immoo wantoota kana isin irratti nan raawwadha: Dhiphinaan, daranyoo sombaatiin, akkasumas dhaqna gubaa cimaadhaan isin adabee ijji keessan akka dadhabuu fi lubbuun keessan akka dhumu nan godha. Diinota keessantu isa nyaata waan taʼeef, isin akkanumaan sanyii keessan facaaftu.+
-
-
2 Seenaa Baraa 36:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Ajajjoonni lubootaa hundii fi sabichi, wantoota jibbisiisoo saboonni kaan raawwatan hundumaa raawwachuudhaan akka malee amanamummaa isaanii hirʼisanii turan; kana malees, mana Yihowaa isa inni Yerusaalem keessatti qulqulleessee ture ni xureessan.+
-