LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Amoos 5:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Isin isa hiyyeessa irraa kiraa lafa qonnaa* waan gaafattaniif,

      Midhaan isaas akka gibiraatti waan fudhattaniif,+

      Manneen dhagaa bocame irraa ijaarrattan keessa jiraachuus taʼe,+

      Mukeetii wayinii filatamoo warra ofii keessanii dhaabdan irraa daadhii wayinii dhuguu keessan itti hin fuftan.+

  • Amoos 8:4-6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Isin warri isa hiyyeessa dhidhiittan,

      Warri garraamota biyyattii keessa jiran ajjeestan kana dhagaʼaa;+

       5 Isin akkana jettu: ‘Midhaan keenya akka gurgurannuuf, ayyaanni baatii haaraa yoom xumurama?+

      Midhaan keenya gurgurtaadhaaf akka dhiheessinuuf Sanbanni+ yoom darba?

      Silaa madaallii gowwoomsaa keenya dhugaa fakkeessuuf,

      Safartuu eefaa* ni xinneessina,

      Madaallii sheeqilii* immoo ni guddisna turre;+

       6 Isa rakkataa meetiidhaan,

      Isa hiyyeessas kophee cimdii tokkoon ni bitanna,+

      Midhaan qulqullina hin qabnes ni gurgurra.’

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi