LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 8:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Hazaaʼelis, “Gooftaan koo kan booʼu maaliifi?” jedhee isa gaafate. Innis deebisee, “Miidhaa ati namoota Israaʼel irratti geessistu waanan beekuufi.+ Iddoowwan isaanii warra dallaa dhagaa qaban ibiddaan ni gubda; namoota isaanii warra filatamoo taʼan goraadeedhaan ni ajjeesta; ijoollee isaanii lafaan dhooftee ni bubburuqsita; dubartoota isaanii warra ulfa taʼan garaa isaanii ni baqaqsita”+ isaan jedhe.

  • 2 Mootota 10:32, 33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Bara sanatti Yihowaan suutuma suuta Israaʼeliin hirʼisuu jalqabe. Hazaaʼel guutummaa naannoo Israaʼel keessatti isaan ni rukuta ture;+ 33 guutummaa biyya Giiliyaad isa Yordaanos irraa kallattii bahaatti argamu isa Gaadonni, Ruubenonnii fi Minaasonni+ keessa jiraatan, akkasumas Aroʼer isa Sulula* Arnoon bira jiru irraa jalqabee hamma naannoo Giiliyaadii fi hamma Baashaanitti+ isaan ni rukute.

  • 2 Mootota 13:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Mootiin Sooriyaa akkuma awwaara oobdii keessa jiruutti dhidhiitee+ isaan balleessee waan tureef,+ raayyaan waraanaa Yehoʼahaaziif hafe abbootii fardeenii 50, gaarii fardaa 10 fi loltoota lafoo 10,000 qofa ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi