-
2 Mootota 21:18-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Achiis Minaaseen abbootii isaa wajjin ni boqote; iddoo biqiltuu mana isaa, jechuunis iddoo biqiltuu Uuzaatti ni awwaalame;+ ilmi isaa Amoonis bakka isaa mootii taʼe.
19 Amoon+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 22 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lamaaf ni bulche.+ Maqaan haadha isaa Meshulemeet yeroo taʼu, ishiin intala Haruuz isa nama Yotbaa taʼee turte. 20 Inni akkuma abbaan isaa Minaaseen godhe, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+
-