LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 62:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Yihowaan harka isaa isa mirgaa, irree isaa isa jabaas kaasee akkana jedhee kakateera:

      “Kana booda nyaata akka isaaniif taʼuuf midhaan kee diinotaaf hin kennu,

      Namoonni biyya ormaas daadhii wayinii kee isa haaraa isa itti dhamaate hin dhugan.+

  • Yooʼel 3:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Guyyaa sanatti gaaronni daadhii wayinii miʼaawaa ni coccophsu,+

      Tabbawwan aannan ni yaasu,

      Lageen Yihudaa hundis bishaaniin ni guutamu.

      Mana Yihowaa keessaa burqaan tokko ni yaaʼa,+

      Innis Sulula* Mukeetii Laaftoo ni obaasa.

  • Amoos 9:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Yihowaan akkana jedha:

      ‘Kunoo, guyyaan namni qotu isa midhaan sassaabu bira itti gaʼu,

      Namni wayinii dhidhiitus isa sanyii facaasu bira itti gaʼu ni dhufa;+

      Gaaronni daadhii wayinii miʼaawaa ni coccophsu,+

      Tabbawwan hundumaa irras daadhiin wayinii ni lolaʼa.*+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi