LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Luqaas 7:1-9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Yesuus wanta namoota sanatti dubbachuu barbaade erga dubbatee booda Qifirnaahomitti seene. 2 Yeroo kanatti ajajaan dhibbaa tokko garbichi isaa inni baayʼee jaallatu akka malee dhukkubsatee duʼuu jala gaʼee ture.+ 3 Yommuu waaʼee Yesuus dhagaʼus, dhufee garbicha isaa akka fayyisu akka isa kadhatan maanguddoota Yihudootaa tokko tokko isatti erge. 4 Isaanis gara Yesuus dhufanii akkana jedhanii cimsanii isa kadhachuu jalqaban: “Kana isaaf gochuun kee kan isaaf malu dha; 5 sababiin isaas, inni saba keenya ni jaallata; mana sagadaa keenyas nuuf ijaareera.” 6 Kanaafuu, Yesuus isaanii wajjin deeme. Yeroo inni manichatti dhihaatu garuu, ajajaan dhibbaa sun dhaqanii akkana jedhanii akka itti himaniif michoota isaa isatti erge: “Yaa Gooftaa, ati baaxii mana koo jala seenuun kee kan anaaf malu waan hin taaneef+ hin dhamaʼin. 7 Gara kee dhufuun koo akka anaaf hin malle kan natti dhagaʼame kanaafi. Garuu jechuma tokko dubbadhu, tajaajilaan koos ni fayya. 8 Anis aangoo nama kan biraa jala kanan jiru taʼus, loltoota anaaf ajajaman qaba; isa tokkoon, ‘Deemi!’ yommuun jedhu ni deema; isa tokkoon immoo, ‘Kottu!’ yommuun jedhu ni dhufa; garbicha kootiinis, ‘Kana godhi!’ yommuun jedhu ni godha.” 9 Yesuus wantoota kana yommuu dhagaʼu baayʼee isa dinqisiifatee, namoota hedduu isa duukaa buʼaa jiranitti garagalee, “Ani isinitti nan hima, Israaʼel keessatti illee nama amantii guddaa akkanaa qabu hin arganne”+ jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi