-
Maatewos 9:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Achiis ija isaanii qaqqabee,+ “Akkuma amantii keessanii isiniif haa taʼu” jedhe.
-
-
Maatewos 15:28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Yeroo kanatti Yesuus, “Dubartii nana, amantiin kee guddaa dha; akkuma fedhii kee siif haa taʼu” jedhee ishiidhaaf deebise. Intalli ishiis saʼaatii sanaa jalqabee ni fayyite.
-
-
Maarqos 9:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Yesuusis, “‘Wanti gochuu dandeessu yoo jiraate’ jettee? Nama amantii qabuuf wanti hundi ni dandaʼama”+ isaan jedhe.
-