-
Maarqos 2:21, 22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Eenyu iyyuu uffata moofaa irratti erbee haaraa hin erbu. Akkana yoo godhe erbeen haaraan sun shushuntuuree uffata sana caalaatti tarsaasa.+ 22 Kana malees, eenyu iyyuu daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti hin naqu. Akkana yoo godhe garuu, daadhiin wayinii sun qalqalloo sana dhoosa; sana booda daadhiin wayinii sun ni dhangalaʼa; qalqalloon sunis faayidaadhaa ala taʼa. Haa taʼu malee, daadhiin wayinii haaraan qalqalloo haaraatti naqama.”
-
-
Luqaas 5:36-39Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
36 Dabalataanis akkana jedhee fakkeenya tokko isaanitti hime: “Namni uffata haaraa irraa erbee muree uffata moofaa irratti hodhu hin jiru. Akkana yoo godhe erbeen haaraan sun irraa ni kaʼa; erbeen haaraan sun isa moofaa wajjin wal hin simu.+ 37 Kana malees, eenyu iyyuu daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti hin naqu. Akkana yoo godhe garuu, daadhiin wayinii haaraan sun qalqalloo sana ni dhoosa; wayinichi ni dhangalaʼa; qalqalloon sunis faayidaadhaa ala taʼa. 38 Haa taʼu malee, daadhii wayinii haaraan qalqalloo haaraatti naqamuu qaba. 39 Eenyu iyyuu daadhii wayinii bilchaate erga dhugee booda daadhii wayinii haaraa hin barbaadu; sababiin isaas, ‘Inni bilchaate baʼeessa dha’ jedha.”
-