LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maarqos 5:22-24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Achiis geggeessitoota mana sagadaa keessaa tokko kan taʼe Yaayiros dhufee yommuu isa argu miila isaatti kufe.+ 23 Innis, “Intalli too akka malee dhukkubsatteetti.* Maaloo, ishiin fayyitee jiraachuu ishii akka itti fuftuuf kottuutii harka kee ishii irra kaaʼi”+ jedhee irra deddeebiʼee isa kadhate. 24 Kanaafuu, Yesuus isaa wajjin ni deeme; namoonni hedduunis gara isaatti wal dhiibaa isa duukaa buʼan.

  • Luqaas 8:41, 42
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 41 Yeroo kanatti namni Yaayiros jedhamu tokko ni dhufe; namni kun geggeessaa mana sagadaa ture. Inni miila Yesuus irratti kufee gara mana isaa akka dhufu isa kadhachuu jalqabe;+ 42 sababiin isaas, intalli isaa takkittiin umuriin ishii waggaa 12 taʼe duʼuu jala geessee turte.

      Yesuus utuu deemaa jiruu namoonni hedduun isa dhiibu turan.

  • Yohaannis 11:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Yesuusis akkana ishiidhaan jedhe: “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana.+ Namni anatti amanu yoo duʼe illee deebiʼee ni jiraata;

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi