-
Lakkoofsa 27:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 “Yihowaan inni Waaqa hafuura nama* hundumaa taʼe yaaʼicha irratti nama tokko haa muudu; 17 yaaʼiin Yihowaa akka hoolota tiksee hin qabnee akka hin taaneef, inni isaan duratti gad ni baʼa, olis ni seena, akkasumas isaan geggeessuudhaan gad isaan ni baasa, olis isaan ni galcha.”
-
-
1 Mootota 22:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Kanaafuu inni, “Israaʼelonni hundi akka hoolota tiksee hin qabneetti gaarota irratti faffacaʼanii nan arga.+ Yihowaan, ‘Isaan kun gooftaa hin qaban. Tokkoon tokkoon isaanii nagaadhaan gara mana mana isaaniitti haa deebiʼan’ jedheera” jedhe.
-
-
Hisqiʼel 34:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Kanaafuu, tikseen waan hin jirreef isaan ni bittinnaaʼan;+ isaan bittinnaaʼanii bineensa bosonaa hundumaatiif nyaata ni taʼan.
-