LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 22:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Kanaafuu inni, “Israaʼelonni hundi akka hoolota tiksee hin qabneetti gaarota irratti faffacaʼanii nan arga.+ Yihowaan, ‘Isaan kun gooftaa hin qaban. Tokkoon tokkoon isaanii nagaadhaan gara mana mana isaaniitti haa deebiʼan’ jedheera” jedhe.

  • Isaayyaas 53:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Hundi keenya akkuma hoolaa asii fi achi ni joorre,+

      Tokkoon tokkoon keenyas daandii mataa mataa keenyaa irra ni deemne,

      Yihowaanis balleessaan hunda keenyaa isa irra akka buʼu ni godhe.+

  • Hisqiʼel 34:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Kanaafuu, tikseen waan hin jirreef isaan ni bittinnaaʼan;+ isaan bittinnaaʼanii bineensa bosonaa hundumaatiif nyaata ni taʼan.

  • Hisqiʼel 34:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, tikseen dhabamuu isaatiin kan kaʼe hoolonni koo adamsamanii bineensa bosonaa hundumaatiif nyaata taʼaniiru; tiksitoonni koos hoolota koo hin barbaanne; isaan of sooruu isaanii itti fufan malee hoolota koo hin soorre;”’

  • Maatewos 9:36
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 36 Namoota hedduu sana yommuu argu, baayʼee isaaniif gadde;+ sababiin isaas, isaan akka hoolota tiksee hin qabneetti+ cunqurfamanii fi dagatamanii* turan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi