-
Luqaas 12:51-53Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
51 Ani lafa irratti nagaa fiduuf waanan dhufe isinitti fakkaataa? Lakki, ani isinitti nan hima, qoqqooduufan dhufe.+ 52 Ammaa jalqabee namoonni wal qoqqoodan shan mana tokko keessa jiraatu; sadan isaanii lamaan isaanii irratti, lamaan isaanii immoo sadan isaanii irratti kaʼu. 53 Abbaan ilma irratti, ilmi abbaa irratti, haati intala irratti, intalli haadha irratti, amaatiin haadha manaa ilmaa irratti, haati manaa ilmaas amaatii irratti kaʼanii wal qoqqoodu.”+
-