LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maarqos 6:21-29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Haa taʼu malee, yeroo Heroodis guyyaa dhalootaa+ isaatti abbootii taayitaa ol aanoo, ajajjoota loltootaa fi namoota beekamoo biyya Galiilaa irbaata affeeretti haalli mijataan ni uumame.+ 22 Yeroo kanatti intalli Heroodiyaas ol seentee shubbisuudhaan Heroodisii fi keessummoota isaa warra isaa wajjin maaddiitti dhihaatan sana gammachiiste. Mootichis intalattiidhaan, “Wanta barbaadde na gaafadhu, anis siif nan kenna” jedhe. 23 Akkasumas, “Hamma walakkaa mootummaa kootiitti illee, wanta na gaafatte kam iyyuu siifan kenna” jedhee ishiidhaaf kakate. 24 Kanaafuu, ishiin dhaqxee haadha ishiitiin, “Maal isa gaafadhu?” jette. Ishiinis, “Mataa Yohaannis Cuuphaa” ishiidhaan jette. 25 Intalattiinis yeruma sana gara mootichaa dhaqxee, “Mataa Yohaannis Cuuphaa ammuma saaniitti akka anaaf kennitun barbaada”+ isaan jette. 26 Mootichi garuu kanatti baayʼee kan gadde taʼus, kakaa isaa fi keessummoota isaatiin* kan kaʼe wanta ishiin gaafatte diduu hin barbaanne. 27 Kanaafuu, mootichi eegduu isaa tokko yeruma sana ergee mataa Yohaannis akka fidu isa ajaje. Innis dhaqee mana hidhaatti mataa Yohaannis irraa kutee 28 saanii irra kaaʼee fide. Achiis intalattiidhaaf kenne; ishiinis haadha ishiitti kennite. 29 Barattoonni isaa yommuu kana dhagaʼan, dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaala* keessa kaaʼan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi