LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 14:6-12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Yeroo guyyaan dhalootaa+ Heroodis kabajamutti garuu, intalli Heroodiyaas qophicha irratti shubbistee baayʼee isa gammachiiste;+ 7 kanaafuu, inni wanta ishiin gaafatte kam iyyuu ishiidhaaf kennuuf kakatee waadaa gale. 8 Intalattiinis haadha ishiitiin gorfamtee, “Asumatti mataa Yohaannis Cuuphaa saaniitti naaf kenni”+ jette. 9 Mootichi yeroo kanatti kan gadde taʼus, kakaa isaa fi namoota isaa wajjin maaddiitti dhihaataniin kan kaʼe akka ishiidhaaf kennamu ajaje. 10 Akka kanaan, mana hidhaatti nama ergee mataa Yohaannis irraa kuchisiise. 11 Mataan isaas saanii irra kaaʼamee fidamee intalattiidhaaf kenname; ishiinis haadha ishiitti geessite. 12 Boodas barattoonni isaa dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaalan; achiis dhufanii Yesuusitti himan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi