-
Maatewos 16:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Yesuus yeroo sanaa jalqabee, gara Yerusaalem dhaquu akka qabu, maanguddoonni, dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa dhiphina guddaa akka isa irra geessisan, akka ajjeefamuu fi guyyaa sadaffaatti duʼaa akka kaafamu+ barattoota isaatiif ibsuu jalqabe.
-
-
Luqaas 23:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Kanaafuu, Philaaxos wanti isaan gaafatan akka raawwatamu murteesse. 25 Namicha isaan gaafatan, jechuunis nama mootummaa irratti fincila kakaasuudhaan, akkasumas sababii ajjeechaatiin mana hidhaa gale sana gadhiisee, Yesuusiin immoo wanta barbaadan akka irratti raawwataniif dabarsee isaanitti kenne.
-