LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maarqos 11:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Yesuusii fi barattoonni isaa yeroo gara Yerusaalem, gara Beetafaagee fi Bitaaniyaa+ warra Gaara Ejersaa irra jiranitti dhihaatan, inni barattoota isaa keessaa lama erge;+ 2 akkana isaaniin jedhe: “Ganda fuula keessan duraa mulʼattu sana dhaqaa; akkuma achi seentaniin, ilmoon harree hamma ammaatti namni irra taaʼee hin beekne tokko hidhamtee argitu. Hiikaatii as fidaa. 3 Eenyu iyyuu, ‘Maal gochaa jirtu?’ yoo isiniin jedhe, ‘Gooftaatu barbaada, inni dafee idduma kanatti deebisa’ jedhaa.”

  • Luqaas 19:28-31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Yesuus wantoota kana erga dubbatee booda, gara Yerusaalem deemuu isaa itti fufe. 29 Beetafaagee fi Bitaaniyaa warra Gaara Ejersaa+ biratti argamanitti yommuu dhihaatu, barattoota isaa keessaa lama erge;+ 30 akkana isaaniin jedhe: “Ganda fuula keessan duraa mulʼattu sana dhaqaa; erga itti seentanii boodas, ilmoon harree namni irra taaʼee hin beekne tokko hidhamtee argitu. Hiikaatii as fidaa. 31 Eenyu iyyuu, ‘Maaliif hiiktu?’ jedhee yoo isin gaafate garuu, ‘Gooftaatu barbaada’ jedhaa.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi