LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 21:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Gara Yerusaalemitti dhihaatanii Beetafaagee ishii Gaara Ejersaa irra jirtu yommuu gaʼan Yesuus barattoota isaa lama erge;+ 2 akkana isaaniin jedhe: “Ganda fuula keessan duraa mulʼattu sana dhaqaa; akkuma achi geessaniinis harree hidhamtee jirtu tokko ilmoo ishii wajjin argitu. Isaaniin hiikaatii naa fidaa. 3 Namni yoo isin gaafate, ‘Gooftaatu isaan barbaada’ jedhaa. Innis yeruma sana isaan erga.”

  • Luqaas 19:29-34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Beetafaagee fi Bitaaniyaa warra Gaara Ejersaa+ biratti argamanitti yommuu dhihaatu, barattoota isaa keessaa lama erge;+ 30 akkana isaaniin jedhe: “Ganda fuula keessan duraa mulʼattu sana dhaqaa; erga itti seentanii boodas, ilmoon harree namni irra taaʼee hin beekne tokko hidhamtee argitu. Hiikaatii as fidaa. 31 Eenyu iyyuu, ‘Maaliif hiiktu?’ jedhee yoo isin gaafate garuu, ‘Gooftaatu barbaada’ jedhaa.” 32 Warri ergaman sunis dhaqanii akkuma inni isaaniin jedhe ilmoo harree sana argatan.+ 33 Yommuu isaan ilmoo harree sana hiikan garuu, warri harree sanaa, “Ilmoo harree kana maaliif hiiktu?” isaaniin jedhan. 34 Isaanis, “Gooftaatu barbaada” jedhan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi