-
Maarqos 11:4-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Kanaafuu, isaan dhaqanii, ilmoon harree sun balbala dura, karaa qarqaratti hidhamtee argatanii hiikan.+ 5 Namoota achi dhaabbatan keessaa tokko tokko garuu, “Maal gochuuf ilmoo harree kana hiiktu?” isaaniin jedhan. 6 Isaan wanta Yesuus jedhe yommuu itti himan, namoonni sun ni heyyamaniif.
-
-
Luqaas 19:32-35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Warri ergaman sunis dhaqanii akkuma inni isaaniin jedhe ilmoo harree sana argatan.+ 33 Yommuu isaan ilmoo harree sana hiikan garuu, warri harree sanaa, “Ilmoo harree kana maaliif hiiktu?” isaaniin jedhan. 34 Isaanis, “Gooftaatu barbaada” jedhan. 35 Achiis gara Yesuusitti fidan; uffata isaanii dugda ilmoo harree sanaa irra buusanii Yesuusiin irra kaaʼan.+
-