-
Maarqos 11:7-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Achiis ilmoo harree+ sana gara Yesuusitti fidanii uffata isaanii irra buusan; innis irra taaʼe.+ 8 Kana malees, namoonni hedduun uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo qarqara karichaatii damee baala qabu kutanii afan.+ 9 Namoonni isa duraa fi isa booda deemanis akkana jedhanii iyyu turan: “Akka isa oolchitu si kadhanna!+ Inni maqaa Yihowaatiin* dhufu eebbifamaa dha!+ 10 Mootummaan abbaa keenya Daawit+ inni dhufu eebbifamaa dha! Yaa isa samii irra jirtuu, akka isa oolchitu si kadhanna!”
-