-
Luqaas 8:28-30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Yeroo Yesuusiin argus, iyyee isa duratti kufee sagalee guddaadhaan, “Yaa Yesuus, Ilma Waaqa Isa Hundaa Olii, anii fi ati maal wal irraa qabna? Akka na hin dhiphisne sin kadhadha”+ jedhe. 29 (Akkana kan jedhe, namicha keessaa akka baʼuuf Yesuus hafuura xuraaʼaa sana waan ajajeef ture. Hafuurri xuraaʼaan sun yeroo baayʼee isa qaba;*+ namichi yeroo baayʼee funcaa fi hidhaa sibiilaatiin hidhamee kan eegamu taʼus, hidhaa sana ni caccabsa ture; jinniin sunis gara bakka namni hin jirretti isa geessa ture.) 30 Yesuus, “Maqaan kee eenyu?” jedhee isa gaafate. Innis, “Leegewoon” jedhe; sababiin isaas, jinniiwwan hedduun isatti galanii turan.
-