-
Luqaas 8:45-48Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
45 Kanaafuu Yesuus, “Eenyutu na tuqe?” jedhe. Hundi isaanii, “Ana miti” jedhanii yommuu haalanitti Pheexiros, “Barsiisaa, namoonni hedduun sitti marsanii si dhiibaa jiru mitii?”+ jedhe. 46 Yesuus garuu, “Humni+ akka na keessaa baʼe waan natti beekameef, namni tokko na tuqeera” jedhe. 47 Dubartiin sunis utuu ishii irratti hin beekamin deemuu akka hin dandeenye yommuu hubattu hollachaa dhuftee isa duratti kuftee maaliif akka isa tuqxee fi akkamitti yeruma sana akka fayyite namoota sana hunda duratti dubbatte. 48 Inni garuu, “Intala too, amantiin kee si fayyiseera. Nagaadhaan dhaqi”+ ishiidhaan jedhe.
-