-
Maatewos 13:54-58Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
54 Gara naannoo dhalootaa isaa+ erga dhufee booda, mana sagadaa isaanii keessatti isaan barsiisuu jalqabe; isaanis dinqisiifatanii akkana jedhan: “Namni kun ogummaa fi dandeettii dinqiiwwan kana hojjechuuf isa gargaaru eessaa argate?+ 55 Kun ilma anaaxichaa mitii?+ Haati isaa Maariyaam jedhamti mitii? Obboloonni isaas Yaaqoob, Yoseef, Simoonii fi Yihudaa+ jedhamu mitii? 56 Obboleettonni isaa hundis nuu wajjin jiru mitii? Maarree wanta kana hunda eessaa argate?”+ 57 Kanaafuu, isatti ni gufatan.+ Yesuus garuu, “Raajiin tokko biyya isaa fi mana isaatiin alatti bakka biraatti ulfina ni argata”+ isaaniin jedhe. 58 Isaan amantii waan dhabaniif, inni achitti dinqii hedduu hin hojjenne.
-