-
Maatewos 14:34-36Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 Galaanicha gamatti ceʼaniis iddoo Genesaarex+ jedhamutti irraa buʼan.
35 Namoonni iddoo sana jiranis inni Yesuus taʼuu isaa yommuu beekan, biyyoota naannoo sana jiran hundatti dhaamsa ergan; kanaafuu, namoonni warra dhukkubsatan hunda gara isaatti fidan. 36 Isaan fiixee uffata isaa qofa tuquuf illee isa kadhatu turan;+ warri fiixee uffata isaa tuqan hundis guutummaatti ni fayyan.
-