-
Maatewos 15:15-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Pheexiros deebisee, “Fakkeenyicha nuuf ibsi” isaan jedhe. 16 Yeroo kanatti inni akkana jedhe: “Isinis hamma yoonaatti hin hubannee?+ 17 Wanti gara afaaniitti seenu kam iyyuu marʼimaan keessa darbee gara boollaatti akka seenu hin beektanii? 18 Haa taʼu malee, wanti afaan namaa keessaa baʼu kam iyyuu garaa keessaa baʼa; nama kan xureessu kana dha.+ 19 Fakkeenyaaf, garaa keessaa yaadni hamaan,+ jechuunis ajjeechaan, ejji, halalummaan,* hanni, sobaan ragaa baʼuunii fi arrabsoon ni baʼa. 20 Wantoota kanatu nama xureessa malee, utuu harka hin dhiqatin* nyaachuun nama hin xureessu.”
-