-
Maatewos 16:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Yeroo kanatti Fariisonnii fi Saduuqonni gara isaa dhufanii, isa qoruuf samii irraa mallattoo akka isaanitti argisiisu isa gaafatan.+ 2 Innis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Yommuu dhihu, ‘Samiin waan diimateef hin roobu’ jettu; 3 ganama immoo, ‘Samiin kan diimate taʼus duumessa waan qabuuf, harʼa ni qorra, bokkaanis ni rooba’ jettu. Isin bifa samii ilaaltanii wanta taʼuuf jiru dubbachuu ni dandeessu; haa taʼu malee, mallattoowwan barichaa ilaaltanii wanta taʼuuf jiru dubbachuu hin dandeessan.
-