-
Maatewos 18:1-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Yeroo sanatti barattoonni gara Yesuusitti dhihaatanii, “Mootummaa samii keessatti hundumaa irra kan caalu eenyu?”+ jedhanii isa gaafatan. 2 Kanaafuu, inni mucaa xinnoo tokko waamee gidduu isaanii dhaabe; 3 achiis akkana jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, deebitanii* akka ijoollee yoo taatan+ malee matumaa Mootummaa samiitti hin galtan.+ 4 Kanaafuu, namni akka mucaa xinnoo kanaatti gad of qabu kam iyyuu, Mootummaa samii keessatti hundumaa irra kan caalu taʼa;+ 5 namni mucaa xinnoo akkanaa maqaa kootiin simatu kam iyyuu, anaanis ni simata.
-
-
Luqaas 9:46-48Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
46 Achiis, isaan keessaa inni hundumaa irra caalu eenyu akka taʼe ilaalchisee gidduu isaaniitti falmiin ni kaʼe.+ 47 Yesuusis wanta isaan garaa isaanitti yaadan beekee mucaa xinnoo tokko fidee of bira dhaabee, 48 “Namni mucaa xinnoo kana maqaa kootiin simatu kam iyyuu anaanis ni simata; namni anaan simatu kam iyyuu immoo isa na erge sana simata.+ Sababiin isaas, namni guddaa jedhamu isa hunda keessan irra akka xinnaatutti of ilaalu dha”+ isaaniin jedhe.
-