Fakkeenya 18:12 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 12 Kufaatii dura garaan namaa of tuula,+Ulfina argachuu duras gad of qabuun jira.+ Maatewos 18:4, 5 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 4 Kanaafuu, namni akka mucaa xinnoo kanaatti gad of qabu kam iyyuu, Mootummaa samii keessatti hundumaa irra kan caalu taʼa;+ 5 namni mucaa xinnoo akkanaa maqaa kootiin simatu kam iyyuu, anaanis ni simata. Maatewos 23:11, 12 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 11 Haa taʼu malee, isin keessaa inni hunda irra caalu tajaajilaa keessan haa taʼu.+ 12 Namni ol of qabu kam iyyuu gad ni qabama,+ namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol ni qabama.+
4 Kanaafuu, namni akka mucaa xinnoo kanaatti gad of qabu kam iyyuu, Mootummaa samii keessatti hundumaa irra kan caalu taʼa;+ 5 namni mucaa xinnoo akkanaa maqaa kootiin simatu kam iyyuu, anaanis ni simata.
11 Haa taʼu malee, isin keessaa inni hunda irra caalu tajaajilaa keessan haa taʼu.+ 12 Namni ol of qabu kam iyyuu gad ni qabama,+ namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol ni qabama.+