-
Maatewos 20:29-34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Yesuusii fi barattoonni isaa yommuu Yerikoodhaa baʼanii deeman namoonni hedduun isa duukaa buʼan. 30 Yeroo kanatti namoonni qaro dhabeeyyiin karaa qarqara taaʼan lama Yesuus achiin darbaa akka jiru dhagaʼanii, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, garaa nuu laafi!”+ jedhanii iyyan. 31 Haa taʼu malee, namoonni hedduun sun akka callisan itti himuudhaan isaanitti dheekkaman; isaan garuu, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, garaa nuu laafi!” jedhanii ittuma caalchisanii iyyan. 32 Kanaafuu, Yesuus dhaabbatee isaan waamee, “Maal akkan isiniif godhu barbaaddu?” jedhe. 33 Isaanis, “Yaa Gooftaa, ija keenya nuu bani” isaan jedhan. 34 Yesuusis isaaniif gaddee ija isaanii qaqqabe;+ ijji isaaniis yeruma sana deebiʼee ilaaluu jalqabe; isaanis isa duukaa buʼan.
-
-
Luqaas 18:35-43Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 Yommuu Yesuus Yerikootti dhihaatu, namni qaro dhabeessa taʼe tokko karaa qarqara taaʼee kadhata ture.+ 36 Inni namoonni hedduun achiin darbaa akka jiran waan dhagaʼeef, maaltu taʼaa akka jiru gaafate. 37 Isaanis, “Yesuus nama Naazireet sanatu darbaa jira!” jedhanii itti himan. 38 Yeroo kanatti inni, “Yaa Yesuus Ilma Daawit, garaa naa laafi!” jedhee iyye. 39 Warri fuuldura deemaa jiranis akka inni callisu itti himuudhaan isa ifachuu jalqaban; inni garuu, “Yaa Ilma Daawit, garaa naa laafi!” jedhee ittuma caalchisee iyye. 40 Achiis Yesuus dhaabbatee, namicha gara isaatti akka fidan ajaje. Yommuu namichi isa bira gaʼus Yesuus, 41 “Maal akkan siif godhu barbaadda?” jedhee isa gaafate. Innis, “Yaa Gooftaa, agartuun koo akka anaaf deebiʼu godhi” jedhe. 42 Kanaafuu Yesuus, “Agartuun kee siif haa deebiʼu; amantiin kee si fayyiseera”+ isaan jedhe. 43 Namichis agartuun isaa yeruma sana isaaf deebiʼe; achiis Waaqayyoon galateeffachaa isa duukaa buʼuu jalqabe.+ Namoonni hundis yommuu kana argan Waaqayyoon jajatan.+
-