LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 20:29-34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Yesuusii fi barattoonni isaa yommuu Yerikoodhaa baʼanii deeman namoonni hedduun isa duukaa buʼan. 30 Yeroo kanatti namoonni qaro dhabeeyyiin karaa qarqara taaʼan lama Yesuus achiin darbaa akka jiru dhagaʼanii, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, garaa nuu laafi!”+ jedhanii iyyan. 31 Haa taʼu malee, namoonni hedduun sun akka callisan itti himuudhaan isaanitti dheekkaman; isaan garuu, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, garaa nuu laafi!” jedhanii ittuma caalchisanii iyyan. 32 Kanaafuu, Yesuus dhaabbatee isaan waamee, “Maal akkan isiniif godhu barbaaddu?” jedhe. 33 Isaanis, “Yaa Gooftaa, ija keenya nuu bani” isaan jedhan. 34 Yesuusis isaaniif gaddee ija isaanii qaqqabe;+ ijji isaaniis yeruma sana deebiʼee ilaaluu jalqabe; isaanis isa duukaa buʼan.

  • Maarqos 10:46-52
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 46 Achiis gara Yerikoo dhufan. Haa taʼu malee, inni, barattoonni isaa fi namoonni hedduun yommuu Yerikoodhaa baʼaa turanitti, Barxiimewos (ilmi Xiimewos) inni qaro dhabeessaa fi kadhattuu taʼe karaa qarqara taaʼee ture.+ 47 Innis Yesuus namni Naazireet sun achiin darbaa akka jiru yommuu dhagaʼu, “Yaa Yesuus Ilma Daawit,+ garaa naa laafi!”+ jedhee iyye. 48 Achiis namoonni hedduun akka inni callisu itti himuudhaan isa ifachuu jalqaban; inni garuu, “Yaa Ilma Daawit, garaa naa laafi!” jedhee ittuma caalchisee iyye. 49 Kanaafuu, Yesuus dhaabbatee, “Isa waamaa!” jedhe. Isaanis namicha qaro dhabeessa sanaan, “Jabaadhu! Kaʼi; si waamaa jira” jedhan. 50 Innis uffata isaa of irraa darbatee, utaalee kaʼuudhaan gara Yesuus dhaqe. 51 Achiis Yesuus, “Maal akkan siif godhu barbaadda?” isaan jedhe. Namichi qaro dhabeessi sunis, “Rabboonii,* agartuun koo akka anaaf deebiʼu godhi” isaan jedhe. 52 Yesuusis, “Dhaqi. Amantiin kee si fayyiseera”+ isaan jedhe. Namichis agartuun isaa yeruma sana isaaf deebiʼe;+ achiis namoota sanaa wajjin isa duukaa buʼuu jalqabe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi