LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 21:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yesuus mana qulqullummaa* seenee, warra mana qulqullummaa keessatti gurguranii fi bitan hunda achi keessaa ariʼe; minjaala warra maallaqa jijjiiranii fi barcuma warra gugee gurguraniis ni gaggaragalche.+

  • Luqaas 19:45, 46
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 45 Achiis mana qulqullummaa seenee, warra gurguraa turan achi keessaa ariʼe;+ 46 “‘Manni koo mana kadhannaa taʼa’+ jedhamee barreeffameera; isin garuu holqa saamtotaa gootan”+ isaaniin jedhe.

  • Yohaannis 2:14-16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Mana qulqullummaa keessattis namoota loon, hoolotaa fi gugee+ gurguran, akkasumas namoota taaʼanii maallaqa jijjiiran arge. 15 Kanaafuu, funyoo irraa qaccee dhaʼatee, hoolotaa fi loon isaanii wajjin hunda isaanii mana qulqullummaa keessaa ariʼe; saantima warra maallaqa jijjiiranii ni bittinneesse, minjaala isaaniis ni gaggaragalche.+ 16 Warra gugee gurguraniinis, “Wantoota kana asii baasaa! Mana Abbaa koo mana daldalaa* gochuu keessan dhiisaa!”+ jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi