-
Luqaas 19:47, 48Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
47 Inni guyyuma guyyaadhaan mana qulqullummaa keessatti barsiisuu isaa itti fufe. Dura buutonni lubootaa, barsiisonni seeraa fi geggeessitoonni sabichaa garuu isa ajjeesuu barbaadu turan;+ 48 haa taʼu malee, namoonni hundi isa dhaggeeffachuuf jedhanii isa biraa waan hin dhabamneef,+ karaa kana itti godhan tokko illee hin arganne.
-