-
Maatewos 27:11-14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Yeroo kanatti Yesuus bulchaa sana duratti dhiheeffame; bulchaan sunis, “Ati Mootii Yihudootaa tii?” jedhee isa gaafate. Yesuusis, “Atumti iyyuu jette kaa”+ jedhee isaaf deebise. 12 Yeroo dura buutonni lubootaa fi maanguddoonni isa himatanitti garuu deebii tokko illee hin kennine.+ 13 Yeroo kanatti Philaaxos, “Wanta meeqaan si irratti ragaa baʼaa akka jiran hin dhageessuu?” isaan jedhe. 14 Inni garuu wanta tokko illee waan isaaf hin deebisneef, bulchaan sun baayʼee dinqisiifate.
-