LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maarqos 15:2-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Philaaxosis, “Ati Mootii Yihudootaa tii?”+ jedhee isa gaafate. Innis, “Atumti iyyuu jette kaa”+ jedhee deebise. 3 Dura buutonni lubootaa garuu himata hedduu isa irratti dhiheessu turan. 4 Yeroo kanatti Philaaxos irra deebiʼee isa gaafachuu jalqabe; “Deebii tokko illee hin kennituu?+ Himata meeqa si irratti dhiheessaa akka jiran ilaali”+ isaan jedhe. 5 Haa taʼu malee, Yesuus sana booda deebii tokko illee waan isaaf hin kennineef, Philaaxos ni dinqisiifate.+

  • Luqaas 23:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Yeroo kanatti Philaaxos, “Ati Mootii Yihudootaa tii?” jedhee isa gaafate. Innis, “Atumti iyyuu jette kaa”+ jedhee isaaf deebise.

  • Yohaannis 18:33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 33 Kanaafuu, Philaaxos ammas gara mana bulchaa sanaatti erga seenee booda Yesuusiin waamee, “Ati Mootii Yihudootaa tii?” isaan jedhe.+

  • Yohaannis 18:37
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 37 Kanaafuu Philaaxos, “Maarree ati mootii dhaa?” isaan jedhe. Yesuusis, “Ani mootii akkan taʼe atumti iyyuu dubbachaa jirta.+ Ani dhugaadhaaf dhugaa baʼuuf dhaladheera; gara addunyaa kanan dhufes kanaafi.+ Namni dhugaa cinaa dhaabbatu hundi sagalee koo ni dhagaʼa” jedhee deebise.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi